Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Miseensotni, qondaalotnii fi deggertootni ABO akkasumas hawaasni Oromoo Sa'ud Arabiyaa magaalaa Riyaad jiraatan ayyaana Arafaa sababeeffachuun walgahii guddaa godhatan.



(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 15,2008) Oduun Riyaad irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti, Mudde 09,2008 miseensotni, qondaalotnii fi deggertootni ABO akkasumas hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannoo jiraatu walitti dhufuudhaan guyyaa ayyaana Arafaa kabajatanii achumaan walgahii guddaa godhachuun milkiin xumuratan.

Walgahii Iida Arafaa sababeeffachuun geggeeffame kana irratti namootni 450 ol ta'an kan irraa qooda fudhatan oggaa ta'u, miseensi Sh/G fi I/A H/Dn ABO J/Bultum Biyyoo telefoonaan sirnicha irratti ibsa bal'aa kennanii jiru. Gaaffilee mana keessaa ka'aniifis deebii quubsaa kennuu isaanii oduun kun dabalee ifa godheera.

Walgahii kana irratti daa'imman Oromoo Riyaaditti dhalatanii guddatan Afaan Oromoo, Afaan Arabaa fi Ingiliffaan walaloo fi wanneen adda addaa qabsoof  nama jajjabeessan dhiheessanii jiru.

Guyyaa ayyaana Iidaa fi walgahii kana irratti caal baasiin adda addaa dhihaatee galii guddaan irraa argame QBO ABOn durfamuuf galii ta'ee jira.

Gama biraan Konyaan ABO Riyaad Riyaad irraa km.500 kan fagaattu naannawa Qasiimtii jedhamutti maadhee Bokkuu Gadaa jedhamtu hundeessuu isaanii ifa godhaniiru. Maadheen kunis ABO dinagdeen jabeessuuf RS 1200 kan gumaache oggaa ta'u gumaachi isaas kan itti fufu ta'uu waadaa seenee jira.

******


Ugaandaa Kampaalaatti agarsiisni aadaa Oromoo Waldaa Hawaasa Oromoo Ugaandaan qophaa'e geggeeffamuu isaa maddeen gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 15,2008)Lammiiwwan Oromoo baqattummaan biyya Ugaandaa magaalaa Kampaalaa keessa jiraatan, akkasumas baqattootni Oromoo Naayiroobii kan irraa qooda fudhatan Mudde 08,2008 galgala Kampaalaa Hoteela Regency Hotel,Bakulitti haala ho'aan geggeeffamuu gaazzexaan Kampaalaatti maxxanfamu New Vision jedhamu beeksise.

Akka gabaasa gaazzexaa New Visionitti agarsiisni kun kan qophaa'e Waldaa Hawaasa Oromoo Ugaandaan oggaa ta'u, keessummootni aadaa Oromoo ilaaluuf walgahan lammiiwwan Ugaandaa, Koongoo, Ruwaandaa, Keenyaa fi Sudaan ta'uu ifa godhe. Keessummootni kunniin sirboota aadaa Oromoo godinoota Oromiyaa hundaa  ragada, shubbisa, dhiichisa, shaggooyyee fi kanneen biroo, darbees walaloolee dhihaatanitti guddoo gammaduun miidhagina aadaa Oromoo baruu danda'aniiru.

Kana malees, galgala agarsiisa aadaa Oromoo kana irratti nyaatni aadaa Oromoo gosootni adda addaa akkasumas, agarsiisni miidhaginaa dhihaachuun alagaa eenyummaa Oromoo gadi fageenyaan hin hubatin jiraniif barmootaa fi hubannoo cimaan kennamee jira.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net